Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dhiyeessii galteewwan qonnaa waktii isaa eeggate qonnaan bultootaaf raabsaa jiraachuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Ministeerri Qonnaa dhiyeessii galteewwan qonnaa waktii isaa eeggate qonnaan bultootaaf raabsaa jiraachuu beeksiise.

Oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf dhiyeessii galteewwan qonnaa waktii isaa eeggate qonnaan bultootaaf raabsaa jiraachuu daayreektarri dhiyeessii galteewwan qonnaa obbo Mangiftuu Asaffaa ibsaniiru.

Bara oomishaa 2013/14 fedhiin xaa’oo biyyoo kuntaalli miiliyoonni 18.1 naannoleerraa walitti qabamuu eeraniiru.

Hanga ammaatti % 85 buufata Jiibuutiirraa gara naannolee fi tokkoon tokkoo qonnaan bulaaf raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan dhiyeessii damichaaf birrii biiliyoona 4 ol deeggarsa taasiisuu dubbataniiru.

Sanyii filatamaan kuntaalli miiliyoonni 1.2 fi keemikaalonni leetiraa fi kiiloon safaraman miilyoonni 1.5 raabsamaa jiraachuus obbo Mangiftuun himaniiru.

Lafa akka biyyatti qotamu keessaa % 43 Asiidawaa ta’uu fi % 28 ammoo asiidawaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.