Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dhaabbata Raashiyaa waliin oomisha shiboo tiraanisfoormarii irratti waliin hojjechuuf mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015(FBC)- Ministeerri Bishaaniifi Inarjii dhaabbata Raashiyaa ‘Risseeti’ jedhamu waliin oomisha shiboo tiraanisfoormariifi meeshaalee elektirikaa irratti waliin hojjechuuf jila Raashiyaarraa dhufe waliin mari’ate.

Ministirri Ministeera Bishaaniifi Jallisii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan, Raashiyaafi Ityoophiyaan biyyoota waggoottaniif hariiroo uummataa qaban ta’uu eeruun, Raashiyaan wyita rakkoon Ityoophiyaa mudatu adda durummaan deeggarsa kan taasistuufi yeroo ammaas taasisaa kan jirtu ta’uu ibsaniiru.

Damee kanaanis abbootii qabeenyaa biyyattii waliin hojjechuuf mariin taasifamuusaatti gammaduu kaasaniiru.

Gama biraan dhaabbatichi dhaabbilee dhuunfaa biyya keessaa damicharratti hojjetan waliin hojjechuuf fedhii argisiisuun isaa guddina hawaasummaafi diinagdee akka biyyaatti taasifamuuf gahee isaa ba’achuurra darbee tattaaffii tajaajila elektirikii waliin gahuuf taasifamuuf shora olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti Kaawunsilarri Imbaasii Federeeshinii Raashiyaa Aleeksaandar Komsaaroov gamasaaniin, hojii dhaabbatichi dhaabbilee biyya keessaa waliin hojjetuuf deeggarsi ministeerichaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ittiaanuttis biyyi isaanii dameewwan biroon Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsuu ragaan Ministericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.