Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dargaggoota kuma 27 tajaajila hawaasaaf boobbaasuu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Ministeerri nageenyaa dargaggoota hojii tola ooltummaarratti hirmaatan kuma 27 ol marsaa 4’n leenjiisuun tajaajila hawaasaaf akka laatan taasisuu beeksise.

Ministeerichi Yuunivarsiitii Jimmaatti dargaggoota marsaa 5ffaaf leenjiisuu eegalchiiseera.

Leenjichi guyyoota 33’f dargaggoota kutaa biyyattii hundaarraa walitti bobba’aaniif kan kennamu yoo ta’u, marsaa kanaan dargaggoota kuma 2 fi 500 kan fudhatan ta’uu ibsameera.

Sagaantaa jalqabsisa leenjichaarratti, Qindeessaan Koree Hojii Raawwachiftuu Ministeerichaa Obbo Mabraatuu Kaasaa ministeerichi dargaggoota kuma 27 fi 600 oliif marsaa 4n leenjii kenneen bu’aan argamaa jiruu olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Marsaa 5ffaa kanaan, Yuunivarsiitoota biyyattii shan keessatti leenjitoota kuma 10 oliif leenjii kennuuf karoofatame hojiitti seenamu himaniiru.

Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.