Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi dargaggoota hojii dungoo, zayita, saamunaa fi kanneen biroo oomishaan leenjisaa ture 110 eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 20, 2014 (FBC)– Ministeerri Hojii fi Kalaqaa dhaabbata itti gaafatamummaan isaa murtaa’ee tumsa misooma Jarmaan (DIZ) jedhamu waliin tumsaan dargaggoota hojii dungoo, zayita, saamunaa fi kanneen biroo oomishaan leenjisaa ture 110 eebbisiseera.

Sirna eebbichaarratti kan argaman Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa aadde Mufariyaat Kaamiil, dargaggoonni carraa argatanitti fayyadamuun ofii fi biyyaa isaanii jijjiiruu ni danda’uu jedhaniiru.

Tumsa Misooma Jarmanii fi qaamolee deeggarsa taasisaniis galateeffataniru.

Adeemsa leenjichaa ilaalchisuun ibsa kan laataan Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Kalaqaa obbo Nigusuu Xilaahuun, dargaggoota kanneen keessaa 86 kan ta’aan digrii jalqabaa kan qabanii fi 24 ammoo eebbifamtoota ogummaa fi teeknikaa ta’uu ibsuun, 22 kan ta’an ammoo intepiraayiziin kan gurmaa’aniidha jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.