Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi barattoonni kumni 200 qorumsa bahiinsa Yuunivarsiitii ni fudhatu jedhe

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Ministeerri Barnootaa barattoonni kumni  200 qorumsa bahiinsa Yuunivarsiitii kan fudhatan ta’uu ibseera.

Qorumsi bahiinsa Yuunivarsiitii baatii Waxabajjii yeroo walfakkaataatti kan kennamu ta’uu hojii rawwachiisaan Dhimmoota Akkaadaamii Barnoota Olaanoo Dooktar Eebbaa Miijanaa eeraniiru.

Qormaanni marsaan jalqaba baatii waxabajjii dhufu kan kennamu ta’uu eeruun, marsaa lammaffaan immoo ji’a jahaan booda kan kennamuu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Barnootaarraa ragame ni mul’isa.

Hogganaan deeskii qulqullinaa fi ga’umsa barnoota olaanoo Obbo Saayid Mahaammad gama isaaniin, qormaticha barattoota Yuunivarsiitiiwwan mootummaa fi dhunfaa kuma 200’f kennuuf qophiin taasifama jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.