Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Aliibaabaa Giruuppi waliin waliigaltee uume

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Ministeerri Innooveeshiniifi Teekinooloojii fi Aliibaabaa Giruuppi hojii uumtotaaf leenjii haala kennuu danda’anirratti waliigaltee uuman.

Waliigaltichi  Aliibaabaa Giruuppi hojii uumtota teekinooloojii Ityoophiyaaf leenjii kennuufi waldaan ce’umsa diijitaalaa ammoo leenjifamtoota filachuun bu’aasaa gamaaggamuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Dhaabbatichi leenjii kan kennu qaamolee murtoo laatan, hojii uumtota, abbootii qabeenyaa dhaabbilee teekinooloojii, hojjettootaafi barattootaaf yoo ta’u, leenjiin marsaa jalqabaa hojii uumtotaaf kan kennamu ta’uu eerameera.

Minister Deetaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojii Huuriyaa Aliin, tarsiimoo diijitaalaa Ityoophiyaa 2025 dhugoomsuuf lammii ogummaa diijitaalaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

Leenjichi dorgomtummaa lammiilee Ityoophiyaa damicharratti hirmaatan kan dabaluufi beekumsa kan gonfachiisu ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin waldaa ce’umsa diijitaalaa Fiqir Andaargaachoon, waliigalteen leenjii Aliibaabaa waliin taasifame sagantaa ce’umsa diijitaalaa Ityoophiyaa deeggaruuf gahee mataasaa kan ba’atu ta’uu eeraniiru.

Gorsaa olaanaan Biiroo Diijitaalaayizeeshinii Aliibaabaa Giruuppi Saamii Faaraad gamasaaniin, hojii Ityoophiyaan wiirtuu  Loojistikii Ikoomersii Afrikaa ta’uuf hojjechaa jirtu dhaabbatnisaanii kan deeggaru ta’uu dubbataniiru.

Leenjiin Aliibaabaa Giruuppi kennu dandeettii hojii uumtotaa kan guddisuufi dhaabbata isaanii akka ammayyeessaniif kan gargaaru ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.