Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi Afaaritti sagantaa tajaajila tola ooltummaan deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)- Ministeerri Galiiwwanii Naannoo Afaaritti harka qalleeyyiif tajaajila tola ooltummaan deeggarsa Birrii miiliyoona 21 taasise.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Ayinaalam Niguseen, tajaajila tola ooltummaan hojiilee naannichaatti hojjetaniin, manneen harjka qalleeyyi haaromsuu eegaluu ibsuun, kunis yeroo gababaa keessatti akka xumuramuu hordoffii akka taasisan himan.

Deeggarsi meeshaalee garaagaraa taasifamanis wareegama hojjettoota Komishinii Gumurukaan bifa kontiroobaandiin meeshaalee to’ataman ta’uu Komishinarri komishinichaa Dabalee Qaabatan ibsaniiru.

Deeggarsichi meeshaalee nyaataa fi uffannaa Birrii miiliyoona 15.3’tti tilmaamamuu fi maallaqaa callaa Birri miiliyoona 6 walumatti deeggarsa Birri miiliyoona 21 taasisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Magaalaa Jimmaatti harka qalleeyyiif deeggarsi meeshaaleen bu’uuraa Birrii miiliyoona 31 olitti tilmaamamu taasifameera.

Deeggarsichi abbootii qabeenyaa fi seektaroota mootummaa irraa kan argame yoo ta’u, meeshaalee barnootaa, midhaan nyaataa fi zayitii ta’uun ibsameera.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, deeggarsichi lammiilee 851 tumsuuf kan ooluu ta’uu kaasnaii, humna walootiin rakkoo waloo hiikuuf magaalichatti hojiileen garaagaraa hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.