Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni kan madaalamu hojiin malee murteewwan murteeffamaniin miti-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 21, 2016 (FBC)- Milkaa’inni kan madaalamu hojiin malee murteewwan murteeffamaniin akka hintaane Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP28 Duubaayitti gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniiru.

Dooktar Abiy Ahimad jijjiirama qabeenyaa qilleensaa ittisuuf furmaataa biyya keessaa Itiyoophiyaan qopheessite waltajjicharratti kaasaniiru.

Haaluma kanaan bara 2019 eegalee sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeessaa jiraachuu beeksisaniiru.

Waggoottan shanan darbanis buufataalee misooma biqiltuu kuma 130 hundeessuu eeranii, waggaa waggaan biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaa’aman misoomsaa, dhaabaa fi kunuunsaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qabeenya qilleensaa fi gufuulee hawaas-diinagdeef deebii kennamuu kan bakka bu’u ta’uu dubbatan.

Sagantichis gadi lakkifama Kaarbanii hir’isuuf, madaala umamaa eegsisuu fi carraa hojii uumuuf dameewwan akka tuuriizimii dadammaqsuuf kan tumsuudha jedhan.

Sagantaa Asharaa Magariisaanis biqiltuuwwan biiliyoona 32.5 dhaabuu eeranii, bara Faranjootaa 2026’ttis biqiltuu biiliyoona 15 dhaabuuf karoorri qabamuu ibsan.

Sagantaa kanaan karoorri qabame wayita xumuramus addunyaarratti pirojektii misooma bosonaa olaanaa akka ta’uu akeekaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanas biyyoota ollaaf qooduu kan kaasan Dooktar Abiy, kunis Afrikaatti gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaan %70 dargaggootaa ta’uu eeruun, addunyaa fooyyoftee dhaloota dhaalchisuun akkaataa danda’amu yaaduun boqonnaa kan namaaf hinkennine ta’uu dubbataniiru.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa dhimmaa siyaasa addunyaa erga ta’ee waggota lakkoofsisuu akeekanii, waliigalteewwan taasifamuu, ajandaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dhimmoota hawaasummaa, siyaasaa, misooma waaraa fi diinagdee waliin walitti hidhuun bu’aa jajjabeessaa galmeessuu ibsan.

Ta’us, ho’inni addunyaa digirii seelshiyasii 1.5 gadiitti buusuuf kaayyoo qabameerraa kan fagaatu ta’uu hubachiisan.

Kunis biyyootaarraatti dhiibbaa olaanaa akka qabu, hojii bu’aa argamsiisu hojjechuun akka barbaachisuu fi milkaa’inni hojiin malee murteewwan murteeffamaniin kan galmaa’u akka hintaanes akeekaniiru.

Addunyaa kan eeguu fi maadaalaa umamaa ishee duraaniitti deebisuuf tattaffiin taasifamu Itiyoophiyaaf waraanaa guddinaa fi badhaadhinaati jechuun ibsaniru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.