Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa kaka’umsa akka uumuu shakkii hinqabu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Muddee 4, 2015 (FBC)- Milkaa’inni Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa qaroomina quubsuma lafaan walitti araarsuun gaggeessuuf kaka’umsa akka uumuu shakkii hinqabu jechuun Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad dubbatan.

“Saffisumaa Sochii Idil Addunyaa Afrikaa” mata duree jedhuun dhaabbileen “American Academy Of Achievement And Global Hope Coalition” jedhaman sagantaa addaa Waashingitan DC’tti qopheessaniin Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad ga’umsa hoggansa sagantaa Ashaaraa Magariisaarratti argisiisaniin badhaasa “Hoggansa Cimaa Afrikaa” argataniiru.

Sirna kanarratti Muummeen Ministiraa haasawaa taasisaniin, addunyaan dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaan yoo walqabdu Ityoophiyaan furmaata isaaf hojii qabatamaan hojjechuu eegalteetti jedhan.

Ityoophiyaan bara 2019 hojii biqiltuu dhaabuun biyyattii magariisaa uwwisuuf ka’uu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaatti baatii Waxabajjii hanga Hagayyaatti yeroo roobaa waan ta’eef, waqtichi biqiltuu dhaabuuf mijataa ta’uu himaniiru.
Baatiiwwan kanneenitti lammiileen hunduu biqiltuu akka dhaabaan taasisuu ibsan.

Hojiilee waggoota afuriitiinis lammiilee miiliyoona 25 hirmaachisuun, biqiltuuwwan biiliyoona 25 dhaabuun akka danda’ame, kana jechuunis konkolaattonni kumni 64 gaazii faalaa naannawaatti gadi lakkisan waggaa tokkoof daandiirraa maqsuu jechuu akka ta’e hubachiisan.

Yeroo ammaa Ityoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan Amaazoonitti aanuun sochii misooma bosonaa guddicha addanyaa ta’uu eeruun, biyyattiin biqiltuu dhaabuutti dabalataan bosonaa umamaa hektaarri kuma 700 itti fufiinsaan eegamee akka turu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara faranjootaa 2022’tti lakkoofsi biqiltuuwwan dhaabamanii dacha sadiin dabaluu ibsanii, lammiilee kuma 700’f carraa hojii uumuun galii Birri biiliyoona 1.3 argamsiisuu haasawaa isaaniin himaniiru.

Ityoophiyaan biqiltuuwwan biyyoota ollaa isheef qooduun walta’iinsa cimsuu fi quubsumni naannawichaa akka eegamu hojjechuu dubbataniiru.

Kunis Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaatiin gaazii faaloo toonii miiliyoonaa 100’tti tilmaamaman akka hir’atan fi gammoojjummaan akka hir’isu amantaa qaban ibsaniiru.

Hoo’ina addunyaa dabale hir’isuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf Ityoophiyaan gahee olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Biyya keessatti deeggaramaa kan dhufe sganataan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa ulaagaa kamiinuu yoo madaalame dinqisiisaa ta’uu kan eeran Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hanga bara faranjootaa 2030’tti lafa hektaara miiliyoona 22 dandamachiisuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

Afrikaan seenaa milkaa’oo hedduu kan qabdu ta’uu eeranii, manca’iinsa bosonaa dhabamsiisuun Ityoophiyaarra darbee Afrikaatti hawaasa magariisaa ijaaruuf ni hojjenna jedhaniiru.

Beekamtii dhaabbileen “American Academy Of Achievement And Global Hope Coalition” kennaniifis Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad galateeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.