Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina misoomaa fi guddina galmaa’eetti bu’uureffachuun daran hojjechuun barbachisaadha-Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC)-Milkaa’inaa misoomaa fi guddina galmaa’eef bu’uureffachuun daran hojjechuun barbachisaa ta’u Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.

Gabaasni raawwii karoora Dinaagdee Gooroo baatiiwwan 10’n darbaniirratti waltajjiin marii gaggeeffameera.

Saganticharratti Obbo Tamasgeen Xurunaa dabalatee, Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaa Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiiraasii Obbo Adam Faaraahi dabalatee qoondaltoonni Olaanoo Mootummaa, Ministiroonnii fi dhaabbiileen biroon argamaniiru.

Obbo Tamasgeen, guddina biyyaa milkeessuuf tattaffii addaan hincinne gaafata jedhan.

Qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu hubachuun, injifannoo eeguu osoo hintaanee injifannoo fi bu’aa argame itti fufsiisuuf ciminaan hojjechuun, injifannoo damee hundaan argame kan waloo taasisuun hojjechuun barbaachiisadha jedhan.

Gama biraatiin nageenya waaraa mirkaneessuuf Marii Biyyaalessaa dabalatee, hojiilee eegalaman itti fufsisuuf hunduu tumsuu akka qabu himaniiru.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.