Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’ina bara darbeerraa barachuun bara kanas biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamuu himame

Finfinnee, Eebila 24, 2012 (FBC) – Milkaa’ina bara darbee irraa barachuun bara kanas biqiltuuwwan biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.
 
Naannoleen hedduun qophii duraa taasisaa jiru jedhan.
 
Tatamsa’ina COVID-19 ittisuuf tattaaffii godhamaa jiru cinaatti, akka biyyaatti Ashaaraa Magariisa kaa’uu itti fufsiifna jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Fuula Feesbuukii isaaniin.
Bara darbe Ityoophiyaatti biqiltuun biiliyoonni 4 kan dhaabbate yoo ta’u, miiliyoonni 350 guyyaa tokkotti dhaabbachuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.