Fana: At a Speed of Life!

Milishaa fi Hoggantoonni Biiroo Nageenyaa naannoo Sidaamaa gara adda waraanaatti duuluuf murteessan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Milishaa fi Hoggantoonni Biiroo Nageenyaa naannoo Sidaamaa gara adda waraanaatti duuluuf murteessuu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Sidaamaa obbo Alamaayehu Ximootiiwoos fi Itti gaafatamaan Waajjira Milishaa obbo Barakat Kii’een waamicha muummee Ministiraa fudhachuun gara adda waraanaatti duuluuf qophaa’uu ibsaniiru.
Biyya baraaruuun dhimma waa hunda dursuu qabu ta’uu obbo Alamaayehun kaasaniiru.
Yeroo ammaa hoggantoonni olaanoon biirichaa lama adda waraanaatti kan argaman ta’uu dubbataniiru.
Waa hundi kan jiraatu biyyi yoo jiraatte qofa ta’uu kaasuun duula gara adda waraanaatti taasiifamu cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsnaiiru.
Diinota biyya diiguuf shira xaxaa jirn barbadeessuun seenaa abbootiin hojjetan irra deebiin hojjechuuf qophaa’uu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Sidaamaa obbo Alamaayehu Ximootiiwoos eeraniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.