Fana: At a Speed of Life!

Miisisiippitti balaa ibiddaa qaqqabeen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Miisisiippitti balaa ibiddaa qaqqabeen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 6 darbuun dhaga’ameera.

Qondaaltonni biyyattii, balaa ibiddaa mudateen haatii, ijoolleen ishee 6 fi daa’ima ganna takkaa dabalatee mana tokko keessatti du’uu isaanii ibsaniiru .

Balaa ibiddaa qaqqabeen miseensa maatii keessaa kan lubbuun hafe abbaa warraa qofadha.

Sababni ka’umsa balichaa qoratamaa jiraachuunis himameera.

Manni balaa ibbiddaaf saaxilame magaalaa Kiliintan keessatti argamu kun Jaaksan irraa fageenya kiilo meetira 16 irratti argama jedhameera.

Haati ijoollee balaa kanaan miidhamte umrii waggaa 33 barsiistuu mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa turte.

Balaa kanaan haati ijoollee ishee dhiirota afurii fi intala ganna 1 faana lubbuun darbuu qondaaltonni biyyichaa ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa fuula Feesbuukii isaarratti guyyaa gaddaa onnee cabse jechuun maxxanseera.

Maddi:-CCN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.