Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaan idil addunyaa lama Maqaleetti miidhaan qilleensaa qaqqabuu kan ibsu suur sagalee(viidiiyoon) baasan soba ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2013 (FBC)- Miidiyaan idil addunyaa lama Maqaleetti miidhaan qilleensaa qaqqabuu kan ibsu suur sagalee(viidiiyoon) baasan soba ta’uu ibsame.
 
Calaltuu odeeffannoo Labsii yeroo ariifachiisaa odeeffannoowwan kana koreen labsii yeroo ariifachiisaa otuu hin mirkaneessiin odeeffannoo ABUT irratti kan hundaa’an sobadha jedhe.
 
Haaluma walfakkaatuun namoota nagaa irra miidhaan ga’eera odeeffannoon jedhus sobadha.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa odeeffannoo sirrii irratti hundaa’uun kaayyoo ABUT barbaachisoo irratti magaalaa Maqaleettiin alatti miidhaa qilleensaa gaggeesseera.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa sochii olaantummaa seeraa kabachiisuu xiyyeeffannoon gaggeessaa jira.
 
ABUT ajaja Kaabaa irratti miidhaa erga qaqaabsiisee eegalee, Raayyaan Ittisa Biyyaa namoota nagaa irratti miidhaan akka hin geenyeef magaalootaan alatti xiyyeeffachuu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.