Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen seenessiiwwan tokkummaa Itiyoophiyaa cimsan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Miidiyaaleen seenessiiwwan tokkummaa Itiyoophiyaa cimsan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhame.

Qopheessummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaan Mata duree “Seenessiif Biyyaalessaaf gahee miidiyaa fi ijaarsa mootummaaf” jedhuun leenjiin ogeeyyii hoggantootaa dhaabbilee miidiyaaf kennamu har’a eegaleera.

Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Ministira Muummee Daani’eel Kibiret ibsa taasisaniin, miidiyaaleen seenessiiwwan tokkummaa itiyoophyaa cimsan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka qabanii fi biyyi seenessii gaggaariin ta’uu himan.

Hojiin seenessii akka jijjiiru kaasuun, hojiilee qabatamaan wayita hojjetaman seenessiiwwan ni jijjiiramu jedhan.

Lagaa Abbyyaa ilaalchisee seenessiin kaleessa ture har’a hidhi gaafa irratti hojjetamu seenessii ture jijjiiruu akka fakkeenyaatti kaasuun, hayyoonnis seenessii sirreessuuf hojjechuu akka qaban akeekaniiru.

Seenessiin egereef, kan kaleessaa dhiisuun, kan har’aas haa hafu jechuun boruu ijaaruuf ta’uu qaba jedhaniiru.

Leenjichi guyyoota sadiif kan turu ta’uu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.