Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen idil addunyaa waa’ee naannoo Tigraay ilaalchisee gabaasni dhiyeessaa jiran dogongora– Dooktar Muluu Naggaa

Finfinnee,Bitootessa 1, 2013 (FBC) – Miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko yaada garee ABUT qofa fudhachuun waa’ee naannoo Tigraay ilaalchisee gabaasni dhiyeessaa jiran dogongora ta’uu Hojii raawwachiisaa olaanaan Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan ibsan.
Gabaasni miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko naannoo Tigraay ilaalchisee dhiyaasaa jiran dhugaa lafarraa hin jirre ta’uu Dooktar Muluun ibsa laataniin himaniiru.
Dabalataan yaada namoota gareen ABUT gurmeessee qofa fudhachuun odeeffannoon naannicha ilaalchisee tamsaasaa jiran sirrii akka hin taane dubbataniiru.
Gareen badii iddoolee garaagaraatti bittinnaa’uun rakkoo uumaa, ummataa miidhaa, nageenya ummataa booreessuuf socho’aa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee gochaa kana raawwatanirratti tarkaanfiin seeraa fudhatamaa jiraachuus himaniiru.
Miidiyaaleen garuu badii gareen kun raawwatu qaamoleen nageenyaa mootummaa akka raawwataniitti dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Akka EBCn gabaaseetti rakkoo naannichatti muudateef kan itti gaafatamu garee ABUT ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.