Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen hojii ijaarsa biyyaa eegalan cimsuu qabu – Dooktar Geetaachaw Dinquu

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) –Miidiyaaleen dhimmoota bu’uuraa biyyaa fi walii galtee biyyaaleessaa uumuuf hojii ijaarsa biyyaa eegalan cimsanii itti fufuu akka qaban Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachaw Dinquun dubbataniiru.

Dooktar Geetaachaw Dinquun bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti leenjii ogeeyyii miidiyaa fi Koominiikeshinii qophaa’erratti damichaan barnoota laataniiru.

Yeroon kun yeroo miidiyaaleen tokkummaa biyyaalessaa uumuu dabalatee hojii ijaarsa biyyaa hedduu hojjechuun irraa eeggamu ta’uu ibsaniiru.

Biyya hundaaf taatu ijaaruun ga’ee lammiilee hundaa ta’uu eeraniiru.

Miidiyaaleenis ga’ee ogummaa miidiyaa irraa eeggamu ba’uu akka qaban hubachiisaniiru.

Miidiyaaleen ajandaawwan ijaarsa biyyaaf tolan bocuun hawaasa rakkoo isa quunnameef furmaata laachuuf dhama’un horachuuf hojjechuu qabu jedhan.

Filannoon marsaa 6ffaa biyyaalessaa akka milkaa’uuf qooda isaanii ba’uuf gamanumaan of qopheessuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen ittingaafatamummaa biyya ijaaruuf qaban ba’uuf dhiibbaa hojii raawwachiiftootarraa bilisa ta’uun murteessa ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.