Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen heddumatanis gaazeexeessitoonni odeeffannoo argachuurratti ammas hanqinni jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Waggoottaan lamaan darbanitti dameen miidiyaa heddumatanis gaazeexeessitoonni odeeffannoo argachuurratti ammas rakkoon jiraachuu ibsme.
 
Inistiityuutiin Imaammata Ityoophiyaa waltajjii marii haaromsa biyyaa, Miidiyaa fi olaantummaa seeraa qopheesserratti carraa fi qormaatilee miidiyaa irratti mari’atameera.
 
Imaammataa fi Bulchiinsa miidiyaaleerratti fooyya’iinsi gaggeeffamuu jiraatus ariitiin gara hojiittii hiikkamuu dhabuu isaaniitin qormaatilee damichaa muudataniif sababa ta’eera jedhame.
 
Labsiin bilisummaa odeeffannoo miidiyaalee qophaa’uu fi imaammanni isaas ragga’uu Abbaan Taayitaa Broodkaastingii Ityoophiyaa eereera.
 
Seerrii fi haalli hojiirra oolmaa imaammata miidiyaalee qophaa’e qaamoolee dhimmi ilaallatuuf dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Taasfaayee Kabbadaatu gabaasee.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.