Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen dhuunfaa odeeffannoo hawaasaaf laachuun cinaatti dirqama hawaasummaa isaanii ba’aa jiru – Abbaa Taayitaa Miidiyaalee

Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC) – Miidiyaaleen dhuunfaa odeeffannoo hawaasaaf laachuun cinaatti lammiilee naannoo Amaaraa fi Afaaritti qa’eef qabeenya isaanirraa buqqqa’aniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 2.5 taasiisuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa beeksiseera.

Nyaata Badhaadhaa daa’immanii, uffataalee fi meeshalee biroo deeggarsa taasiisaniiru.

Dhaabbilee miidiyaa olola sobaa fashaleessuun dhugaa addunyaatti beeksiisuu cinaatti dirqama hawaasummaa isaanii ba’aachaa jiraachuu.

Faanaa Broodkaasting Korporeet dabalatee dhaabbileen 14 akaakuun deeggarsa Birrii miiliyoona 2.5 taasiisuu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Deeggarsi taasiifamu cimee kan itti fufu ta’uu hoggantoonni miidiyaalee kanneenii himaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.