Fana: At a Speed of Life!

Miidiyaaleen biyya keessaa muuxannoo alaa akka argatan ni hojjetama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Miidiyaaleen biyya keenyaa dhaqqabamaa fi dorgomtoota akka ta’aniif muuxannoo miidiyaalee biyyoota alaa akka argatan kan hojjetan ta’uu Kuwaataaritti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Fayisal Eliyaas ibsan.

Ambaasaaddarichi, hoggantootaa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet Embaasii Ityoophiyaa Kuwaataaritti argamuu wayita daawwatanitti, maqaa gaarii Ityoophiyaa fi hojiilee dippiloomaasii deeggaruuf hojiin miidiyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Faanaan gama kanaan dirqama isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Filmaata invastimantii fi bakkeewwan hawwata tuuriizimii Ityoophiyaa beeksisuuf miidiyaan gahee olaanaa qabas jedhaniiru.

Imala jijjiiramaa Ityoophiyaa biyyoonni michuun akka hubatanii fi tumsa gama hundaa akka taasisaniif gahee Faanaan bahachaa jiru dinqisiifataniiru.

Hariiroo ummatoota gidduu fi mootummaa akka cimu, gaheen miidiyaa olaanaa ta’uu kaasanii, Faanaan hojiilee paabilik dippiloomaasii miidiyaalee biyya keessa fi idil addunyaa waliin qindoomuun bal’inaan hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Injifattummaa biyyaalessaa caalmaan dagaggsuuf dhaabbilee miidiyaa akka Aljaziiraarraa muuxannoo qooddachuun faayida qabeessas jedhan.

Maqaa gaari biyyaa hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf xiyyeeffannaa addaan kan hojjetamu ta’uu Hoji Gaggeessaa Olaanaan FBC Obbo Admaasuu Daamxoo wayita daawwannichaa dubbataniiru.

Gama kanaan Faanaan waltajjiiwwan biyyaa keessaarraa darbee biyya alaatti odeeffannoowwan maqaa gaarii Ityoophiyaa ijaaran akka hojjetus beeksisan.

Odeeffannoowwan faayidaa biyyaa fi ummataa durseen hojjetaman dhaqqabamaa gama taasisuutiin faayidaa olaanaa akka qabaatus eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.