Fana: At a Speed of Life!

Miidhamaan koroonaa vaayrasii jalqabaa Ityoophiyaatti argamuu waliin walqabatee daldaltoota daballii gatii taasisan irratti gareen hojii to’annaa hojjetu hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Miidhamaan koroonaa vaayrasii jalqabaa Ityoophiyaatti argamuu waliin walqabatee daldaltoota daballii gatii taasisan irratti gareen hojii to’annaa hojjetu hundaa’e.
 
Waajjirri Kantiibaa Finfinnee akka beeksisetti garichi Biiroo Daldalaatin hogganama.
 
Garichi har’aa eegalee hojiitti ni gala jedhaniiru.
 
Daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisan irrattis tarkaanfiin ni fudhatama jedhameera.
 
Hawaasnis eeruu akka laatu gaafatameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.