Fana: At a Speed of Life!

Miidhama taphattoota Liveerpuulii fi gahumsa jabaa Eerliingi Haalandi har’a eegamu

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2015 (FBC)- Tapha pirimeerliigii Ingilaandi torbee 11ffaan Liveerpuul Maanchisteer Siitii keessummeessa.

Liveerpuul akka bara kanaa qorame hinbeeku.

Maanchisteer Siitii garuu dubbiin itti tolaadha.

Leenjisaan Liveerpuul Jargeen Kiloop umurii leenjisummaa isaaniin leenjisaa Maanchisteer Siitii Peep Gaardihollaa waliin yeroo 25 morkataniiru.

Kiloop yeroo 10, Gaardihollaan yeroo 8 walinjifachuun taphoota 7 jaarsummaan gargar deebi’uu seenaan kubbaa miilaa ragaadha.

Har’a Kiloopii fi Gaardihollaan yeroo 26ffaaf walmorkatu.

Liveerpuul miidhama qaamaa taphattoota mudateen ofitti amanamummaa dhabeera.

Maanchisteer Siitiin garuu Eerliingi Biraawuti Haalandi maashina galchiiwwaniin sarara fuulduraa irraa hanga duubaatti amansiisaadha.

Dubbiin kubbaa miilaa daqiiqaawwan 90′ eeggattiif malee, tilmaama tapha duraan Siitiin ni injifataan madaallii taphichaa harkiseera.

Beellamni har’aa dirree Liveerpuul Anfiildi irratti sa’a 12:30’tti iddoo qabata.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.