Fana: At a Speed of Life!

Miidhaan dhukkuboota daddarboo hin taanee dabalaa jira-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan dhukkubni kaansarii dhukkuboota biroo caalaa hawaasa keenya miidhaa jira jedhaniiru.

Dooktar Liyaan giddugala yaala kaansarii Yuunvarsiitii Jimmaa eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.

Biyyattitti dhukkuboota daddarboo ta’aan hir’isun danda’amuus tamsa’inni ammanta dhukkuboota daddarboo hin taanee yeroodha gara yerootti dabaluu himaniiru.

Dhibee daddarboo hin taanee Kaansariidhaan waggatti namoonni kumni 70 ol  ni qabamu jedhaniiru.

Namoota kuma 70 keessaayi %15 kan hin caallee qofatuu tajaajila yaala dhibicha argata jedhaniiru.

Tajaajilli yaala dhibee kaansarii kana dura hospiitala Xiquur Anbassaa qofattii laatamaa akka ture ibsuun yeroo amma kana yuunvaarsitichatti tajaajillii eegalee shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Tamasgeen Alaabbachootu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.