Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa lammiilee fi qabeenyarra ga’ee dandamachiisuuf kan yeroo kamii caalaa hirmaannaan ni barbaachisa-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Miidhaa lammiilee fi qabeenyarra ga’ee dandamachiisuuf yeroo kamii caalaa hirmaannaan  barbaachisaadhaa jechuun Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkoniin himaniiru.

Ministeerri Galiiwwanii mata duree ‘tajaajilummaan ibsituu keenyaa’ jedhuun sagantaa badhaasa fi beekkamti gaggeesseera.

Saganticharratti kan argaman obbo Dammaqaan miidhaa lammiilee fi qabeenyaa ga’ee dandamachiisuuf yeroo kan kamii caalaa hirmaannaan ni barbaachisaadha jedhaniiru.

Ityoophiyaa waraanaa adda waraanaatti, dippiloomaasii fi diinagdeen ishee muudatee injifattee akka baatuuf tokkummaa keenya caalmaan cimsuu qabna jedhaniiru.

Lafee dugdaa biyyatti kan ta’ee diinagdee biyyatti cimsuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Taarikuu Laggasatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.