Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti qaqqabsiise ilaalchisee diyaaspooraaf ibsi laatame

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaaritti qaqqabsiise ilaalchisee diyaaspooraaf ibsi laatameera.
Diyaaspoorawwan waamicha Muummee Ministiraa fudhachuun gara Biyyaa dhufaniif saamichaa, ajjeechaa fi miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaar Gaaliikoomaa Uwaa Baraahilee fi iddoolee birootti qaqqabsiise ilaalchisee agarsiifni dhiyaateera.
Garichi miidhaa xinsammuu dubartoota, daa’immaan, maanguddootarraan ga’e dabalatee, badii bu’uuraalee misoomaa, dhaabbilee amantaa, dhaabbilee mootummaa fi qabeenya uumamaarraan qaqqabsiise irratti diyaaspooraaf ibsi taasiifameera.
Agarsiisichi mata duree ‘diyaaspooraa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun marii gaggeeffamaa jiru walcinaatti dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
Haabtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.