Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra ga’u ittisuuf qindoominaan hojjechuu barbaachisa- Adaancha Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Miidhaa dubartootaa fi daa’ímmanirra ga’u ittisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee ibsan.
 
Miidhaa dubartoota fi daa’immanirra ga’aa jiru ilaalchisee Abbaan Alangaa Waliigalaa, Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa, Mana Murtii Waliigalaa, Mana Murtii Sadarkaa jalqabaa, Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee fi Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaaggootaa magaalaa Finfinnee waliin gamaaggama taasiseera.
 
Yeroo weerara vaayrasii koroonaa kanatti miidhaa dubartootaa fi daa’immanirra ga’uu ilaalchsee mariin gaggeeffameera.
 
Keessattuu sababa weerarichaan turtii mana keessatti taasifamuun miidhaan cimaan daa’immanirra ga’aa jiraachuu ibsameera.
 
Haaluma kanaan galmeewwan yakkaa 94 Poolisiin qoratamaa kan jiran yoo ta’u, galmeewwan 23 irratti himanni banameera.
 
Galmeewwan 4 irratti ammoo murtiin kennamuusaa Haati Alangaa Waliigalaa Federaalaa, Aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
 
Aadde Adaanachi, haala qabiinsa ragaarratti hanqinni guddaan jiraachuu ibsaniiru.
 
Manni murtii dhimmoota dubartootaa fi daa’immanirratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus himameera.
 
Ammas hojii baayy’een hojjetamuu akka qabu kan ibsan aadde Adaamichi, hojii hubannoo uumuu fi ittisuurratti qaamni hundi qindoominaan hojjeechuu qaba jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.