Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa daa’immanii fi dubartoota irra ga’e hojiin adda baasu akka hojjetamu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hojiin miidhaa daa’immanii fi dubartoota irra ga’e adda baasu akka hojjetamuu Biiroon Dhimmoota Daa’immanii fi Dubartootaa magaalichaa beeksise.

Biiroon Dhimmoota Daa’immanii fi Dubartootaa magaalaa Finfinnee, dhaabbanni haqaa fi nageenyaa miidhaa daa’immanii fi dubartootaa ittisuu akkasumaas warren miidhaa qaqqabsiisanirratti tarkaanffii fudhatamu ilaalchisee qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’ateera.

Maricha irratti Hooggantuun Biiroo Dhimmoota Daa’immanii fi Dubartootaa magaalaa Finfinnee aadde Almaaz Abrahaa weerara covid-19n walqabatee magaalaa Finfinneetti miidhaan daa’immanii fi dubartootaa ga’u bifa jijjiirachuun dabalaa jira jedhaniiru.

Qindoominaan miidhaa daa’immanii fi dubartoora ga’e hojiin adda baasus ni hojjetama jechuun ibsaniiru.

Hawasni namoota miidha akka kana qaqqabsiisan saaxiluu akka qaban hubachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Komishinaar Addunyaa Dabalaa gama isaniin hawaasni miidhaa daa’immanii fi dubartootarra ga’u balaaleffachuun dursanii ittisuurratti ga’ee isanii akka ba’atan himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.