Fana: At a Speed of Life!

Midhaanota biyyee dhangagga’aa dandamatu qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira-QQH

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Midhaanota biyyee dhangagga’aa dandamatu qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu Giddugalli Qorannoo Qonnaa Holataa beeksise.

Giddugalichi midhaanota akka Garbuu Biiraa, Qamadii, Talbaa fi Ija Raafuu biyyee dhangagga’aa dandamantan qorannoon baasuun yaalii oyirurratti taasisaa jiru daawwatameera.

Daayrektarri Giddugalichaa Dooktar Algaanash Tolaa, giddugalichi teeknooloojii madaqsuu fi babal’isuun omishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjachaa jiraachuu himanii, hojiilee kanneenis cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataan Hojii midhaanota biyyee dhangagga’aa dandamatan madaksuu keessatti oomishaalee Naannoo Oromiyaatti bal’inaan hinbeekamne sanyii omishaa ‘Gibxoo mi’aawaa’ Awustiraaliyaarraa fichisiisuun baay’isuun qonnaan bultootaaf rabsuu himaniiru.

Oomishni ‘Gibxoo mi’aawaan’ qucaruu daa’immanii ittisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.

Giddugalichatti, Qorataa Olaanaa Biyyee Dhangaga’aa Dooktar Garramuu Taayyeen gama isaaniin, giddugalchi hojii oomishoota biyyee dhangaga’a dandamatan baay’isuu fi biyyee dhangaga’a wal’aanuu bal’inaan hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bultoonnis, giddugallichi omishaa fi omishtummaa isaanii dabalaa jiraachuu ibsuun omisha akka Gibxoo giddugalichi dhiyeesseefitti fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Minaalee Gabayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.