Michummaan garee Shororkeessaa ABUT waliinii maqaa ABOn lallabame Adda Bilisummaa Oromoo hin ilaallatu-ABO
Finfinnee, Hagayya 13, 2013 (FBC)-Michummaan garee Shororkeessaa ABUT waliinii maqaa ABOn lallabame Adda Bilisummaa Oromoo hin ilaallatu jedhameera.
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoorra laatamee guutuun akka argamaan gadiitti dhiyaateera
Labsi dhihoo kana maqaa ABO/WBO jedhuun Wayyaaneetti michoomuun isaa lallabaame ejjennoo fi murtii Adda Bilisummaa Oromoo hin taane, firris alagaanis akka beeku gadi jabeessinee ibsuu barbaadna. Addi Bilisummaa Oromoo seenaa qabsoo Oromoo keessatti dhaaba walaba, saba isaa irratti hirkatuun ala humna kam irratti iyyuu maxxanee hin beeknee fi qabsoo of irratti irkannoo geggeessuun beekamu, akkasumas maqaa WBO qaama ABO turee fi uummata Oromoo biratti jaalalaa fi kabaja guddaa qabaachaa tureen lola Wayyaanoti kaaba Itoophiyaa keessatti adeemsisaa jiran tumsuuf michummaa lallabachuun seera, sirnaa fi tarsimoo ABO ala tahuu caalaa seenaa dhaabichaa xureessuu fi balleessuu dha jennee amanna.
Bara 1991 wayta mootummaan Dargiii kufe irraa jalqabee Paartiin Ihaadig ol-aantummaa Wayyaaneen cancalamee hoogganamu waggoota 27 oliif caasaa qaamota mootummaa hojii raawwachiisan, seera tumanii, caasaa Raayyaa ittisaኣ, tika biyyaa fi manneetii murtii hunda dhuunfachuu bira taree dinagdee biyyattii bulchiinsa sirna paartii tokkoo jala galchee hacuucaa,dhiittaa mirga namoomaa dorgomaa hin qabne raawwachaa fi qabeenya biyyattii ofiif saamaa turuun seenaa yeroo dhihoo waan taheef eenyu iyyuu kan dagatu miti. Sirna hamaa kana of irraa kaasuuf humnootiin siyaasaa fi uummati bal’aan qabsoo hadha’aa wareegama qaqqaalii hedduu gaafate adeemsisaniiru. Keessaahuu fincila diddaa gabrummaa bal’aa qeerroo fi qarree Oromoon qabsiifame Oromiyaa irra dhangala’ee guutuu biyyattii waliin gahe sirna Wayyaanee hundeen raasee duuffisuu isaa eenyu iyyuu kan haalu miti. Wayyaanee/Ihaadig keessattis kanneen jijjiirama barbaadan mul’achuu irra walgahii paartichaa guyyoota 17f Mudde bara 2017 keessa taa’e of gamaaggamuun of jijjiiruuf murteeffachuun isaaniis ni yaadatama. Diddaan uummataa fi Ihaadig keessatti gareen jijjiirama barbaadan walitti dabalamanii dhiibbaa taasisaniin Dr Abiyyi Ahmed Ihaadig keessaa fuula duratti as bahuu dandahan. Uummati Oromoo jijjiirama hanga taheefuu mul’ate ofitti simachuun isaas hin haalamu. Tarkaanfileen abdii namaa kennan kan akka hidhamtoota siyaasaa hiikuu, labsii yeroo hatattamaa kaasuu, dhaabota mormitootaa qabsoo hidhannoo irra turan dabalatee dhaabotiin siyaasaa biyya alaa gara biyyaatti deebi’an taasifamuu, Eritraa waliin nagaa buusuu fi kkf adda addaa fudhatamuunis kanuma beekamu.
Haa tahu malee rakkooleen akka walii galaatti jijjiiramicha mudatan keessaa inni guddaan jijjiirama yaadamaa ture ilaalchisee garaagarummaa duraanuu Ihaadig keessatti mul’ate akkasumas mata mataatti dhaabota miseensota Ihaadig keessatti dhalate dha jennee amanna. Wal-diddaan Ihaadig keessatti Wayyaanee fi miseensota dhaabota Ihaadig gidduu dorgommii aangoo tahuunis addaatee mul’ata ture. Akka kanaan Wayyaaneen Maqaleetti godaanee naannoo Ihaadig irraa of fageesse, naannoo ofii keessatti humna waraanaa ijaarrachuu oggaa itti fufu biyyi biyya lama fakkaatte. Addi Bilisummaa Oromoo waldhabbii Wayyaanee fi dhaabota Ihaadig kan biro gidduu ture eeggannoon ilaalaa ture. Waldhabbiin isaanii karaa nagaa akka furamu yaada dhiheessaa ture. Haata’u malee waldiddaan kun wal dhabbii boodatti harkiftoota fi humna jijjiiramaa gidduu akka ta’ees ABOf ifa ture.
Karaa biraa jijjiirama hawwame kan danqaa seensisee fi shakkii uuume sabboonummaa sabaa fi sab-lammootaa fi lammummaa biyyaa wal simsiisanii waliin tarkaanfachuu irra mirgoota uummatooti cunqurfamnee turre jedhan qabsoo isaaniin argatanii fi heeraan ragga’e sirnኣ federaalummaa sab-daneessaa amma jiru akka diigamuu fi sirni moofaan durii akka deebi’u miidiyaalee gara garaa irratti lallabamuu fi leellifamuun waldhabbii siyaasaa jiru daran wal xaxaa taasisuun yaaddoo nama baayyee tahuunis ifa gala dha. Addi Bilisummaa Oromoo ilaalcha kana dura dhaabbate, dura dhaabbatas. Haa tahu malee ilalcha booddessaa fudhatama uummataa hin qabne miidiyaa irratti lallabamuuf qawwee kaasuun barbaachisaa dha jedhee hin amanu. Ilaalcha dulloomaa lafaa ka’uu hin dandeenye akkanaa loluuf daboo barbaacha warra gumaa bira hin deemne. Booddeessummaa akkanaa dura dhaabbatuufis booddeessaa irra hamaa hin tumsu.
Addi Bilisummaa Oromoo gaafa biyyatti deebi’u ifatti mootummaa Itoophiyaa waliin haasa’ee walii galteen deebi’e. Haa tahu malee dhaabota miseensota Ihadeg keessaa wayyaanee qofatu akka ABOn biyyatti hin deebine didaa ture. ABOn Wayyaanees tahe dhaabota miseensota Ihaadig dhoksaatti walii gales hin qabu. Inumaahuu Wayyaanee wajjin haasaas quunnamtiis qabaachaa hin turre. Sirna federaalummaa dhugaa, nagaa fi dimokraasii haqaa argamsiisuufis karaa nagaa fi seeraa qabsaawuuf biyyatti deebi’e malee qabsoo hidhannoo geggeessuuf miti. Osoo biyyatti hin deebi’in dura labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee (unilateral cease fire) labsuudhaan mootummaa wajjin qawween wal barbaaduun hafee karaa nagaa fi seera qabeeessa taheen nagaa waaraa fi tasgabbii argamsiisuuf, ilaalchaa fi ejjannoo ana malee jedhu hambisuun, wal gaarreffannaa fi diinummaan wal ilaaluu jaarmoolee siyaasaa gidduu dhabamee, afuura obbolummaa dhimma biyyaa dursuun hojjachuun barbaachisaa fi murteessaa tahuutti amanee ti. Paartii biyya bulchu, paartii Oromiyaa bulchuu fi dhaabotii siyaasaa Oromoo akkasumas humnootii siyaasaa biyyattii keessa jiran kan biro kamuu waliin, maal, akkamitti waliin hojjechuu akka qabus karoorfatee irratti hojjechaa ture. Keessaahuu dhaaba gaafas naannoo Oromiyaa bulchu dabalatee dhaabotii siyaasaa Oromoo mirga uummata Oromoo kabajchiisuuf qabsa’an waliin dantaa Oromoo fi Oromiyaa kabajchiisuu irratti akkasumas dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuuf murteeffate.
Akka kanaan ABOn eerga biyya seenee booda dhaabotii siyaasaa adda addaa waliinis haasaa adeemsisaa akka ture ni beekama. Haasaa fi marii kana keessatti kan itti milkaa’ee fi itti hin milkaa’iin hafe ni jiru. Marii araaraa fi wal hubannoo uumuuf adeemsifamaa turan keessaa kan utuu hin jalqabamin gufate marii Adda Bilisummaa Ummata Tigray (Wayyaane) waliin yaalame dha. Kunis hariiroo badaa ABO fi Wayyaanee gidduu ture irraa madda.Hariiroon dhaabota lamaan gidduu hariiroo diinnumaa, lolaa fi wal gaarreffannaa bara dheeraa hin furamin jiru tahuu hoogganoota ABOn ibsamaa kan ture tahu illee gama Wayyaaneen ABO hawwachuu fi waliin jirra jedhaniis miseensotaa fi uummata isaaniitti himuun waanuma ture dha. Hoogganootaa fi miseensota ABO keessaas namooti garii keessaa Qawwee Waaqqeefachuu fi Wayyaanee leellisuun mul’achaa waan tureef akka hoogganaatti ejjennoo waloo fi ifa tahe fudhachuu dhabuun ummata keenya burjaajessuutti dabalee hamii, komii fi shakkii dhalchuun isaa hin haalamu. Oduun hariiroo ABO fi Wayyaanee deddeemaa jiru maal? Dhoksaan hariiroo uummatanii waliin jiru moo hin jirani? Yoo waliin jiru tahan ABOn akkamiin miidhaa hamaa Wayyaaneen uummatoota Itophiyaa keessaahuu ummata Oromoo irraan gahaa ture dagatee marii tokko malee waliin hojjachuutti seene? kan jedhanii fi kkf gaaffiileen uummataa fi qaamota adda addaa biraa dhihaachaa turan. Kun dhimmoota waggaa darbe Adda Bilisummaa Oromoo keessatti waldhabbii uuman keessaa isa tokko dha. Hoogganni garii wayyaaneetti lafa jala michoomanii gargaarsa maallaqaa fi qabeenyaa irraa guurrachaa as deebi’anii waakkachuun akka ture yeroo adda addaatti ibsamee jira. Wal shakkiin kunis caasaa dhaabaa keessatti caasaa dhokkataa ijaaruun kan mumula’achaa dhufe waan taheef ABO keessatti rakko dhalchuun isaa kan haalamuus miti.Dhimma kanaaf kan itti gaafatamu warruma amma boddeessitootaTPLF waliin michooman kana ta’a.
Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba akka Wayyaanee miidhaa guddaa qabsoo Oromoo fi saba Oromoo irraan gahe, ololaa fi haleellaa waraanaan ABO dugda cabsee qabsoo Oromoo laamshessaa ture dhiisii dhaaba fayyaalessa tokko walinuu yeroo tumsa uummatu tartiiba ittiin deemu sirna jaarmayaa tolfatee qaba. ABOn dhaaba biraa wajjin tumsa uummachuuf yoo xiqqaate hoogganooti dhaabichaa ol aanoon beekuu fi irratti walii galuun dirqama. Miseensotaa fi deggertooti dhaabaa sadarkaa adda addaa irra jiranis mariisifamuu qabu. Quunnamtiin Wayyaanee wajjin namoota gariin taasifamaa ture garuu quunnamtii sirnaa alaa kan sirna jaarmayaa hin hordofne ture.
Seenaan hariiroo Wayyaanee fi Adda Bilisummaa Oromoo seenaa lolaa fi walitti bu’iinsa siyaasaan kan guutame tahuun uummata Oromoo bira darbee adunyaatu beeka. Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (Wayyaaneen) bara Mootummaa Dargii irraa jalqabee suduudaanis tahe harka lafa jalaan akeeka siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo, sabboonummaa Oromoo walumaa gala qabsoo bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf dabaa fi gosa cubbuu biyya lafaa hunda hin raawwatin hin qabu. Wayyaaneen Itoophiyaa keessaa diinni dimookraasii warraaqaa keenyaa inni angafti sabboonummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, beektota Oromoo fi abbootii qabeenyaa Oromoo ti jechuun balleessuuf hammeenya daangaa hin qabne irratti raawwatan. Wayyaaneen gaafuma ijaarame irraa jalqabee ABOn ummata Oromoo hoggannuu hin danda’u, Oromoonis ofiin of bulchuu hin danda’u, gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoon kaasus sirrii miti fudhatama hin qabu jechuun dura dhaabbataa ture.
TPLF(Wayyaaneen) bara Dargi tumsa jaarmayoota siyaasaa ijaarrachuuf wayta waamicha taasisaa turetti ABO akka dhaaba jaleetti of jala hiriirsuuf taasisaa ture malee tumsa walqixxummaa fi tarsiimoo waan hin turiniif mariin baroota sana ademsifaman firii malee hafan. Bara Chaartaraa fi chaartaraan boodattis hariiroo jaarmoota lameen gidduu wayyeessuuf karaa qaamota adda addaa tattaaffiin taasifames hedduu dha.
Bara 1991-1992 wayta Mootummaa Cehumsaa fi sana boodas bakka qaamoti sadaffaan jiranitti Waldhabbii Wayyaanee fi ABO gidduu jiru furuuf yeroo hedduu yaalamee yeroo hunda mata jabina Wayyaanee irraa hin milkaa’in hafe. Wayyanoti baroota 27 kooraa aangoo Itoophiyaa irra turanitti yakka lakkaa’amee hin dhumne ABO fi uummata Oromoo irratti raawwatan. Dhiittaan mirga namoomaa bara Wayyaanee uummata Oromoo irratti raawwatame akaakuudhaanis baayyinaanis kan mootummooti Itoophiyaa isaan dura turan raawwatanii ol yoo tahe malee gadi miti. Oromoo jimlaan ajjeesanii gochaa duguuggaa sanyii irratti raawwataniiru. Kanaafis ragaan ajjeechaa jimlaa fi suukanneessaa Watar, Hammarreessa, Baale, Gaara Jiloo, Sigmoo fi Gaatiraatti, Hora Harsadii fi bakkoota birootti raawwatani dha. Lola ABO fi uummata Oromoo irratti labsaniin hoogganoota ABO qaqqaalii, qondaalota siyaasaa fi miseensota dhaabaa kumaan lakkaa’aman kaan rasaasaan kaan mana hidhaatti tortorsanii lubbuu isaanii galaafataniiru. Keessaahuu miidhaan bara 1992 fi sana boodas Waraana Bilisummaa Oromoo irraan Wayyaaneen geessifte seenaa ABO keessatti miidhaa isa ol aanaa dha. Diinqa qotee bulaa Oromoo fi jiraattota magaalaa seenanii meeshaa fi qabeenya saamaniiru. Qabsaawota Oromoo kumaan lakkaa’aman Finfinnee fi Oromiyaa keessaa butanii eessa buuteen isaanii hanga har’aa wallaalamee hafe. Oromoota kumaan lakkaa’aman biyya abbaa isaanii irraa baqatanii biyya olla fi fagoo keessatti jireenya baqattummaa akka jiraatan tasifamaniiru. Kaan qurxumiin nyaadhamaniruu. Qabeenya uumamaa fi lafa Oromoo saamanii uummata Oromoo hiyyoomsuun ofiif ittiin sooromanii jireenya sadoo fi qananii itti jiraataniiru. Loltootaa fi dabballooti Wayyaanee dhiira Oromoo meesha maleeyyii haadha manaa duratti, haadha manaa abbaa manaa ishee duratti salphisaniiru, Dhiira dubartii, jaarsa ijoollee utuu hin jedhin xiqqeessaniiru, daangaa Oromiyaa akka barbaadani asii fi achi ciraniiru, uummatoota ollaa fi uummata Oromoo walitti buusuun dhiigi baayyeen akka dhangala’u taasisaniiru, addatti ammoo Oromoo Tuulamaa fi Harargee kumoota dhibbaa fi miliyoonaan lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqisaniiru.
Maalree akka waan kuubbayyaa (ulleen) illee hin jiginii fi bishaan illee hin dhangala’iinii tokkotti yakkoota armaan olitti tarrifamanii fi kanneen biro lakkaa’anii fixuun hin danda’amne dagatamanii osoo sirni araaraa tokko illee hin tahin uummata Oromoo fi qabsaawota Oromoo duuba maqaa ABO fi WBOn diina innikkaa saba Oromoo fi sabaa fi saba lammoota biyyatti waliin michoomne jedhama. Wayyaaneen yakkaa fi miidhaa Oromoo irraan gahan hundaaf ummata Oromoo ifaan ifatti dhiifama osoo hin gaafatin, uummati Oromoo naannoo Finfinnee fi bakkoota biro keessaa kuma dhibbaan lakkaawaman sababaa bulchiinsa ABUTin qe’ee isaaniirraa buqqaaffamanii jireenya gadaddoo keessatti kufaniif beenyaan osoo hin kafalamin, lammiilee ajjeeffaman maatii isaaniitiif beenyaa (compensation) ykn gatii gumaa utuu hin baasin, hoggannooti ABUT kanneen yakka lolaa fi dhiittaa mirga dhala namaa ol aanaa (war crime and crime against humanity) saba Oromoo irratti raawwatan qaama walabaan qoratamanii seeraaf osoo hin dhiiheeffanmin, qabeenya ABO bara 1992 fi sana booda saaman osoo bakka hin buusin ykn hin deebisin, hidhamttoota Waligala hogganoota ABO dabalatee kan bakka buuteen isaanii dhabame essaa akka gahan firoota isaanii osoo hin beeksisin, Ilmaan Oromoo kanneen guggubamanii mana hidhaatti du’anii, fi qaamaa fi qor qalbiin hir’ataniif’ akkasumas kan reebichaan mana hidhaatti du’an maatii isaaniitiif beenyaa osoo hin baasinii fi balleessaa gurguddaa uummata Oromoo fi ABO irratti raawwatan kan biroof dhiifama osoo hin gaafatin Oromoon tokko Wayyaanee dhiigi Oromoo harka isaanii irra jiru tumsee Oromoota biro ykn orma biraa loluuf guuza bahuufiin maal jedhama? Hiiki isaas maal? Sabaa fi saba lammootni Wayyaaneen sanyiin duguuggaa irra gaye hoo maal jedhu? Dhiigi ilmaan Oromoo kumaatamaan maqaa ABO fi WBOn lola’e maal jedha? Hin iyyuu? Uummati Oromoo hoo kana maal jedha? Wayyaanee tumsanii aangootti deebisuun hoo Oromoof maal fidee dhufa? Warri Wayyaanee nuu wayya jettanii afaan guuttanii dubbattan hoo Oromoon bulchitoota alagaa keessaa filachuuf qabsaa’ee? Oromoota hanga humna isaanii saba ofiif qabsa’an, hoogganootaa fi qabsaawota ABO buleeyyii fi gameeyyiin diina jechaa wayyaaneen fira jechuun hoo fudhatama qaba jettanii amantuu? Namni obbolleessa isaa diinneefatee alagaa waliin irratti duulu safuu fi laguun Oromoo ni eyyamaa?
Walumaa gala maqaa ABO fi WBO jedhuun tumsi waraanaa wayyaaneef dhihoo kana lallabame tumsa eebbifamaa miti. Tumsa cubbuun guutame kan namooti hagoon dantaa dhuunfaa fi murnaaf jecha itti seenaniidha. Dantaa fi egeree saba Oromoo kan midhu malee bu’aa fidu tokko illee hin qabu. Kanaaf uummati Oromoo kanaan hin burjaaja’u. Oromoon diinaa fi fira isaa tolchee beeka. Wan barbaadus tolchee beeka. Wayyeenees ifiirratti deebbisuuf hin qabsaawu,ofiirraa ittisa malee. Wayyaaneen garee ummata Oromootiin gumaaf barbaadamtuu dha. Ummatni Oromoos kana ni hubata. Waan ta’eefis ummatni Oromoo dantaa ummata Oromoo fi dantaa biyyaa dursuun of gurmeesee fi waliis gurmeesee diina innikaa kana dura akka dhaabatu waammicha goonaaf.
Inifannoo Uummata Bal’aaf
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 16 bara 2021.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.