Fana: At a Speed of Life!

Michooma Ityoophiyaa dhabuun Ameerikaaf kufaatii tarsiimoo isa guddaadha- Toomaas Maawunteen

Finfinnee, Muddee 1, 2014(FBC)- Haalli Ameerikaan hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa itti dhabde  kan Iraanitti aanee kufaatii tarsiimoo isa guddaa ta’uu barreessaan barruu Kaawuntar Paanch Toomaas Maawunteen ibsaniiruru.

Toomaas Maawunteen barruu isaaniin yaaliin gareen shororkeessaa ABUT mootummaa Ityoophiyaa karaa diimokiraasiin filatame aangoorraa kaasuuf taasise fashalaa’uu hordofee Ameerikaan biyya michuushee Ityoophiyaa dhabuu addeessaniiru.

Dhugaa kana ammoo fudhachuu akka qabdu himaniiru.

Dogoggorri Waashingitan kun kan bara 1979 A.L.A Iraan irratti raawwatteen kan walfakkaatu ta’uu ibsaniiru.

Humni nageenyaa waloo Ityoophiyaa bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weeraraan qabatee ture guyyoota 10 keessatti bilisa baasuu kaasaniiru.

Waamicha Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad qaamolee nageenyaatti harka akka laataniif miseensota garichaaf taasisan hordofee miseensonni garichaa kumaatamatti lakkaa’aman harka laachuu eeraniiru.

Ityoophiyaan kanaan booda yaadama Ni’ookoloniyaaliizimii biyyoota lixaa waliin itti fufuu akka hin barbaadne ifoomsiteetti jedhaniiru Toomaas Maawunteen.

Dogoggora Ameerikaan Ityoophiyaarratti uumte rasaasa ofiisheerratti dhukaastee akka waan of ajjeesteettan ilaala jedhaniiru.

Waashingitan Ityoophiyaa dhabuu isheetiin Ameerikaan guddummaa uummata Afrikaa biratti qabdu kan dhabamsiisu ta’uu eeraniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.