Meeshalee Waraanaa mana jireenyaa keessatti kuusee kan argame to’annoo jala oolfame
Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti shakkamaan meeshalee waraanaa mana jireenyaa isaa keessatti kuusee argame to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.
Shakkamtichi to’atamuu kan danda’es eeruu hawaasarraa qaqqabe bu’uureffachuun Qajeelchi Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa walta’uun sakatta’aa mana jireenyaarratti taasifameen ta’uu eerameera.
Haaluma kanaan shugguxiiwwan garaagaraa 64, rasaasaa shugguxii fi kilaashii 587 akkasumas qajeelfama Baankii Biyyaalessaa darbuun Birrii kuma 197 fi 400 mana keessa olkaa’ee argamuu ibseera.
Dabalataan, shakkamticha waliin daddabarsa seeraan alaa meeshaalee waraanaa hojjechaa kan ture, Kutaa Magaalaa Boolee naannawaa Gooroo jedhamee beekamutti shakkamaa, Shugguxii Maakiroovii fi rasaasa walfakkaataa 20 waliin to’annoo jala oolchuun qorannoo gaggeessa jiraachuu ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.