Fana: At a Speed of Life!

Meeshaan osoo hin taane mariin nagaa buusuuf of qopheessuun barbaachisaadha – Obbo Malaakuu Allebal

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhitti mariiin hawaasaa gaggeeffameera.

Jijjiramoonni akka biyyaatti qabaman akka galma gahaniif mootummaan kutannoo guddaan hojjetaa jiraachuu marichaan ka’eera.

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromoo muudate furuuf mootummaan hojjechuu akka qabu hirmaattoonni marichaa gaafataniiru.

Hojii dhabdummaa dargaggootaa hir’isuufis xiyyeeffannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Qaamolee seenessa qeenxee leellisan dura dhaabbachuun gahee lammiilee hundaa fi qormaatilee muudataniif fala barbaaduuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Jijjiiramaa as hojiilee boonsaa hojjetamanis seenessa qeenxeen biyyaaf gufuu ta’uun biyyi rakkoof saaxiluu Pireezidaantiin Naannoo Lixa Itiyoophaa Obbo Xilahuun Kabbadaan ibsaniiru.

Qaamoleen nageenya hin feene nageenya lammilee jeeqaa jiraachuu Ministeerri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal kaasaniiru.

Yeroo ammaa meeshaan osoo hin taane mariin nagaa buusuuf of qopheessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.