Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen yaalaa ittisa weerara vaayrasii Koroonaaf oolu deeggarsaan kennaman

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC)- Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii (UNICEF) meeshaalee yaalaa ittisa weerara vaayrasii Koroonaaf oolu deeggarsaan laate.
 
Meeshaaleen kunneen Doolaaraa Ameerikaa miiliyoona 1.5 kan baasu jedhameera.
 
Meeshaaleen yaalaa deeggarsaaan laattaman kunneen guutumaan guutuutti ogeeyyii fayyaaf kan kennamuu yoo ta’u haguuggii fuulaa,meeshaa safartuu hoo’aa fi uffataa yaalaa faa’i jedhameera.
 
Meeshaalee kanneen Eejansiin Dhiheessi Qorachaa Itoophiyaa naannooleef kan raabsu ta’u ibsameera.
 
Dhaabbatichi deeggarsa kana kan godhe mootummaa Ingiliizi waliin ta’u isaa himameera.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan ‘UNICEF’ Adeel Koodir Ministira Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaaf deeggarsicha kennaniru.
 
Maddi:TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.