Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa gochaa shororkeessummaaf oolfamuuf turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)-Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa gochaalee shororkeessummaaf oolfamuuf turan to’atamuun ibsame.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa akka beeksisetti konkolaataan meeshaalee waraanaa fe’e Kun Naannoo Amaaraarraa ka’uun Finfinnee qaxxaamuruun buufata sakatta’aa Tulluu Diimtuu darbuuf wayita yaalii taasisan to’tameera.

Meeshaaleen to’atamanis shugguxiiwwan Turkii fi Ikolii kuma 1, rasaasa kuma 26 fi 624 waliin, rasaasa kilaashii 60 yoo ta’u buufata sakatta’aa darbuuf wayita yaalanitti hordoffii Poolisiin Federaalaa taasiseen meeshaaleen shakkamtoota lama waliin to’annoo jala oolfameera.

Kana malees sakatta’aa manneen shakkamtootatti taasifameenis, konkolaataan biraan meeshaalee waraanaa seeraan alaa fe’e fi konkolaataan yakka ittiin raawwachuuf taajaajilaan shaakkame dabalataan to’atamuun ibsameera.

Qorannoon Yakkaa Poolisiin Federaalaa taasise akka argisiisutti, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa kunneen Finfinnee fi naannawaa isheetti yakka shororkeessummaaf oolfamuuf socho’aa akka turanii fi harka humna farreen nageenya utuu galee miidhaa olaanaa geessisuu akka danda’u ibsameera.

Hawaasnis qaamolee nageenya waliin ta’uun sadarkaa kamittuu gochaalee shororkeessummaa wixinfaman kamuu to’achuuf gahee lammummaa isaanii akka bahatan Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.