Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa gabaa seeraan alaarratti gurguramuuf turan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Rasaasnii fi shugguxiiwwan seeran alaa gabaarratti gurguramuuf turan to’atamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.

Eeruu ummata bu’ura taasiisuun Poolisiin magaalaa Finfinnee fi Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa hordofii cimaa taasiisaniin Shugguxiiwwanii fi Rasaasoonni garaagaraa gabaaa seeraan alaarratti wayita gurguramuuf turan harkaaf harakatti to’atamuu ibsameera.

Shugguxiin Turkii 25 fi Rasaasni Shugguxii, Kilaash Koovii, fi Bireen waliigala kumni 1 fi 385 to’atamuu himameera.

Namoonni dhuunfaan meeshaalee kanneen waliin hidhata qabaachuun shakkaman 4 to’atamuus Komishinichi ibseera.

Meeshaaleen kunneen magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyaa aanaa 1 iddoo Zannaba warqi jedhamutti to’atamuu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.