Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Teeknooloojii Qonnaa kumni 398 qaraxarraa bilisaan galan -Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Meeshaaleen Teeknoolojii qonnaa kumni dhibbi 3 fi Kumni 98 qaraxaa fi Taaksiirraa bilisaan galuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.

Tattaaffii wabii nyaatan of danda’uuf taasiifamuu fi oomishaa fi Oomishtummaa dabaluuf Imaammataa fi hojmaatarratti fooyya’iinsi taasiifamuu Ministeerichi ibseera.

Haluma kanaan, hojmaata waqtii ganna qofa oomishuu jijjiruun, waqtii boonaas Jallisiin oomishuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf dhaabbilee deeggartoota waliin hojjetamaa jiraachuu eereera.

Oomishaaf oomishtummaa dabaluuf abbootiin qabeenyaa meeshaalee Teeknoolojii qonnaa qaraxarraa bilisaan gara biyya keessaa akka galchaan taasifamuu ibseera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessa qofa meeshaalee teeknoolojii Qonnaa 10 kanneen akka Tiraaktera, koombaayinara, Paampii bishaanii, meeshaalee jijjiirraa garaagaraa fi kanneen biroo kuma dhibba 3 fi kuma 98 fi 627 abbootiin qabeenya 23n qaraxarraa bilisaan gara biyyaa akka galan taasifamuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.