Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen tajaajila argansuuf oolan raabsamaa jiru

Finfinnee, Eebila 20,2012(FBC)- Meeshaaleen tajaajila argansuuf oolan guutuu biyyattiitti raabsamaa jiru.

Meeshaaleen kanneen tajaajila deeggarsa argansuu namoota dhibee vaayrasii koroonaaf saaxilamaniif kan oolanidha.

Eejansiin Dhiyeessii Qorichaa Ityoophiyaa siliindaroota ooksijiinii gosoota 5; raabsaa jiraachuu beeksiseera.

Gosti tokko tajaajila ambulaansiif, kaan ammoo namoota vaayrasichaaf saaxilamanii ciisanii wallaansarra jiraniif kan ooludha.

Hoospitaalota wallaansa fayyaa vaayrasichaaf filataman 31, biirolee fayyaa 9 fi bulchiinsota magaalaa 2f siliindaroota 3,322 raabsaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Siliindaroonni kanneen Birrii miiliyoona 9 fi kuma dhibba 4 fi kuma 42 kan bitamanidha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.