Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen qulqullina hin qabne gabaaf akka hin dhiyaanne to’aannoon taasifama jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 2, 2016 (FBC) – Meeshaaleen qulqullina hin qabne gabaaf akka hin dhiyaanne to’aannoon taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataafi Qorichaa Damee Kibba Lixaa beeksise.

Dhaabbiileen daldalaa tokko tokko sababa malee meeshaalee bu’uuraarratti daballii gatii hin malle taasisaa jiraachuu eerameera.

Sababa kanaan meeshaaleen qulqullina hin qabneefi fayyaa namaarratti miidhaa geessisan gabaaf akka hin dhiyaanne to’annoo taasisaa jiraachuu Abbaan taayitichaa himeera.

Biiroo fayyaa Oromiyaa waliin ta’uu hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan damichaa Obbo Baqaaluu Araggaan dubbataniiru.

Hoteeloonniifi dhaabbiileen daldalaa tokko tokko meeshaalee qulqullina hin qabnee hawaasaaf akka hin dhiyeessine to’annoon taasifamaa jiraachuu Biiroo Fayya Oromiyaatti bakka bu’aan dursaa garee qulqullina nyataafi Qorichaa Obbo Margaa Yemaaneen himaniiru.

Milkaa’ina hojiichaaf leenjiin gahumsaafi hubannoo uumuu ogeeyyii fayyaa godinaalee garagaraaf magaalaa Aggaarrootti kennameera.

Samiiraa Mahammadyaasiintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.