Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen qorannaa, haguuggii afaanii fi funyaanii Daandii Qilleensa Ityoophiyaatin geejibsiifaman

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) – Innisheetiivii muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi Jaakmaatin Ityoophiyaa fi Afrikaatti meeshaaleen weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf gargaaran marsaan jalqaba har’a Finfinnee galfamaniiru.

Meeshaaleen qorannaa, haguuggii afaanii fi funyaanii Daandii Qilleensa Ityoophiyaatin geejibsiifamaniiru.

Torbee har’aa ture muummee ministiraa fi hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Alii Baabbaa Jaak Maan weeraricha ittisuuf innisheetivii hundeessuun meeshaalee raabsuuf kan waliigalan.

Meeshaaleen geejibsiifaman kanneen biyyoota Afrikaa 54f kan raabsamanidha.

Haaluma kanaan tokkoon tokkoon biyyoota Afrikaatif meeshaaleen qorannaa vaayrasicha adda baasu kumni 20, haguuggiin funyaanii fi afaanii kumni 100, uffannaan ittisaa ogeeyyii yaalaa kumni 1 kan raabsaman ta’a.

Meeshaaleen kanneen karaa Ityoophiyaatin kan raabsaman yammuu ta’u, amma Kibxataatti ni qaqqabsiifamu jedhameera.

Meeshaaleen deeggarsaa hafanis guyyootii dhufanitti Ityoophiyaa ni galu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.