Meeshaaleen Koontroobaandii Birrii miiliyoona 28 olitti tilmaamamu too’atame
Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Meeshaaleen Koontroobaandii fi daldala waliindhahuu Birrii miiliyoona 28 olitti tilmaamamu too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Meeshaaleen kunneen guyyoota 6 darban keessatti too’atamuu Ministeerichi ifoomseera.
Meeshaaleen Birrii miiliyoona 4 tti tilmaamamu karaa seeraa alaan Soomaaleelaandi gara Jigjigaatti konkolaataa fe’umsaan osoo imalaa jiruu too’atameera.
Kan Birrii miiliyoona 15.7tti tilmaamamu ammoo qaraxaa fi taaksiin damee Gumuurikaa Koombolchaa, Moojoo fi Qaalittiitti too’atamuun mootummaaf galii ta’eera.
Meeshaaleen Birrii miiliyoona 3 olitti tilmaamamu Qamadii deeggarsa alaa fakkeessuun sirna Guumurikaa osoo hin raawwatiin imalaarratti too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.
Uffataaleen garaagaraa fi meeshaaleen ijaarsaa Birrii miiliyoona 2.7tti tilmaamaamu maqaa Tuuriiziimiin galuuf jedhu Guumurika Damee Dirree Daawaatti too’atameera.
Meeshaaleen tilmaamni gatii hin baaneef hedduun guyyoota jedhaman kanatti too’atamii ragaan Ministeerichaa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.