Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 17.6 olitti tilmaammamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 17 fi kuma dhibba 6 fi kuma 84 olitti tilmaammamu to’atame.

Guyyaa kaleessaa meeshaaleen koontiroobaandii kanneen akka, sukkaaraa, zayita, uffataalee, bilbiloonni sochootuun, elektirooniiksii, qorichoonni, jimaa fi kanneen biroo hordoffii taasifameen biyyaa ba’uu fi galuuf adeemsarra osoo jiranuu to’atamuun ibsameera.

Meeshaalee kanneen bosonaa fi daandii dhokataa keessa imalchiisuuf yaaliin taasifamaa osoo jruu qindoomina hojjettoota Guumrukaa fi qaamolee nageenyaan to’atamaniiru.

Meeshaaleen koontiroobaandii kunneen Dirree Daawaa, Awaash, Mooyyaalee, Umaraa fi daandiiwwan irratti to’annoo jala ooluu isaanii ragaan Ministeera Galiiwwanii irraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.