Meeshaaleen Kontiroobaandii seeraan ala biyya keessa galuuf ture to’atame
Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti Meeshaaleen Kontiroobaandii seeraan ala biyya keessa galuuf ture to’atamuu Poolisiin beeksiise.
Meeshaaleen kunneen Birrii miiliyoona 2.3 olitti kan tilmaamamu ta’uu Itti gaafatamaan Kominikeeshinii fi Diiviizhinii Miidiyaa Poolisii godinichaa Inispeektarri olaanaan Tolasaa Goshuu ibsaniiru.
Eeruu ummatarraa argameen qaamoleen nageenyaa waloon ta’uun to’annoo jala oolchuu Inispeektar Tolasaan ibsaniiru.
Tashoomaa Hayiluutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.