Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 99’tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 99’tti tilmaamaman to’anno jala oolfamuu Koomiishiniin Gumurukaa beeksise.

Meeshaaleen to’atamaniis, meeshaalee jijjiiraa konkolataa, Gommaa, uffaannalee, kophee, meeshaalee mana keessaa fi meeshaalee nyaataa ta’uu ragaan koomiishinicharraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen kunneen Garaa dirree dhawaattii geejjibsiifama utuu jiruu naannawaa Adiigaalaa jedhamuun beekamutti qindoomina hojjettoota koomishinichaa, Poolisii Federaalaa akkasumaas Raayyaa Ittisa Biyyatiin to’anno jala oolfamuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.