Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 95 olitti tilmaamamu to’annoo jala oole

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Torban darbe keessa meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 95 fi kuma dhibba 8 olitti tilmaamamu to’annoo jala ooluu Komishiniin Gumuruukaa Ityoophiyaa beeksise.

Hordoffii taasifameen meeshaaleen alaa galan Birrii Miiliyoona 43 fi kuma dhibba3tti shallagamanii fi meeshaaleen gabaa alaaf dhiyaatan Birrii miiliyoona 51 fi kuma dhibba 9tti tilmaamaman to’annaa jala ooluu komishinichi ibseera.

Meeshaaleen kontoroobaandii kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, Poolisii Federaalaa, miseensota Poolisii naannolee fi hawaasaan ta’uu ibsameera.

Komishinichi qaamolee seera kabachiisan kanneen galateeffateera.

Meeshaalee kanneen daddabarsaa kan turan namoonni lama to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen to’annaa jala oolanis Warqee, Uffata, Meeshaalee Elektirooniksii, Buna, Qorichoota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, Jimaa fi Baala sammuu nama hadoochuu ta’uu ibsameera.

Dhiibbaa kontorobaandii fi daldalli seeraan alaa diinagdee biyyaarratti qaqqabsiisu ittisuuf sochii komishinichi taasisu qofti gahaa waan hin taaneef qaamolee dhimmi ilaallatruu fi hawaasni ga’ee isaa akka ba’atu Komishinichi  waamicha taasisuu ragaan Komishinii Gumuruuka Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.