Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 8.9tti tilmaammamu too’atame
Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 8.9tti tilmaammamu too’atameera.
Guyyoota shanan darban keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 8 fi miliyoona dhibba 943 fi 420 tti tilmaammamu too’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.
Meeshaaleen too’annoo jala oolaan kunneenis faaya meetii, meeshaalee elektirooniksii, bilbiloota, zayta nyaataa, uffataalee fi konkolaattoota dabalatee kanneen biroon ta’atamaniiru.
Meeshaaleen kunneen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee, Dirree Daawaa, Adaamaa, Mooyaalee, Mojoo, Baahir Daar, Jigjigaa fi buufatalee too’annoo garagaraatti qabamuu isaa Ministeerichi beeksiseera.
Hojjettoonni Intelejeensii ittisa kontiroobaandii, poolisiin naannoo fi Federaala akkasumas deeggersa fi eeruu ummataan to’atamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa arganne ni mul’isa.