Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Baatiwwan arfan darbanitti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 72tti tilmaamamau too’atamuu Komishinii Gumrukaatti dameen Buufata Too’annoo Ciiccuu beeksise.
Bakka bu’aan buufata too’annoo Komishinii Gumrukaa damee Ciiccuu obbo Tazarraa Roobaan baatiwwan Arfan darbanitti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 72tti tilmaamamu too’atamuu ibsaniiru.
Meeshaalee too’ataman keessa uffataleen adda addaa fi meeshaaleen elektirooniksii olaanaa ta’uu himaniiru.
Bilbiloonni socho’oon kumni 11 fi 760 too’atamuu himaniiru.
Buufatichatti noottiin maallaqa sobaa Kumni dhibbi 2 fi kumni 10 fi baalli sammuu adoochu kuntaalli 72 too’atmuu eeraniiru.
Too’annoo fi sakattoo Kontiroobaandii caalmaatti cimsuuf Komishinii Gumrukaa damee Ciiccuu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira bulchiinsaa fi Nageenyaa godina Geedi’oo obbo Takatal Abarraan ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.