Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 64 olitti tilmaamamu to’annaa jala oolan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Torbee darbe keessaa meeshaaleen kontiroobaandii baasii fi galii Birrii miiliyoona 64 fi kuma 700 fi kuma 39tti tilmaamaman to’annaa jala oolaniiru.

Meeshaalee kunneen sakattoo hojjettonni gumurukaa, poolisii federaalaa, poolisii naannoo fi hawaasnii waloon taasisaniin to’atamuudhan kan ibsameera.

Meeshaaleen to’annaa jala olaanis uffatalee, elektirooniksii, buna, qorichoota, meeshaalee faayaa akkasuma waraanaa, jimaa, baalli sammuu nama hadoochuu fi maallaqoonni biyyoota garagaraa kan keessaatti argaman ta’uu ragaan Komishinii Gumurukaarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.