Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58tti tilmaamaman to’annaa jala oolaniiru
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 58tti tilmaamaman to’annaa jala ooluu Ministeerri Galiiwwanii beeksisee.
Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen Waxabajjii 18 hanga 25tti to’annaa jala ooluu ibsameera.
Meeshaaleen kunneen gara biyyaa galfamuu fi baafamuuf wayita yaalaanitti to’annaa jala kan oolan.
Meeshaalee to’atamaan keessaa maallaqaa biyyoota alaa, warqee, uffataalee garaagaraa, kophee, meeshaalee waraanaa, elektirooniksii, sigaaraa, meeshaalee jijjiirraa, qorichootaa fi kanneen biroo ta’uu ragaan Ministeerichaarra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.