Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 525 olitti tilmaamamu to’ataman
Finfinnee, Caamsaa 9, 2016 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 525 olitti tilmaamamu naannoo Somaaleetti to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.
Hordoffii cimaa qaamoleen nageenyaa qindoominan taasiisaniin guyyaa tokkotti Konkolaattoonni Meeshaalee seeraan alaa fe’an 16 naannoo Somaalee bakka addaa Biyoobaahay jedhamutti to’atamuu ibseera.
Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf bakka tokkotti kuufamee ture kun hordoffii iccitiin baatii tokkoof taasiifameen to’atamuu himameera.
Konkolaattoonni meeshaalee Birrii miiliyoona 525 fi kuma 245tti tilmaamamu fe’an kunneen sa’aatii mijatutti dhoksaan gara biyya keessaa seenuuf osoo qophiirra jiranuu to’atamuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni mul’isa.
Uffataalee, Qaama jijjiirraa Konkolaattootaa, Elektirooniksii, Qorichaalee, Qorqoorroo Ijaarsa manaa dabalatee Meeshaaleen biroo hedduun to’atamuu komishinichi eereera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.