Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 284 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Onkololeessa 29 hanga sadaasa 5, 2016tti Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 284 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksise.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 224.7 baasuu, gara alaatti ba’uuf miiliyoona 59.7tti tilmaamamu to’atamuu ibseera.

Uffataaleen, Boba’aa, horiin gaanfaa, Elektirooniksii, Bunni, Qorichaalee, Konkolaattoonni,meeshaaleen waraanaa, Jimaa, Baalli Sammuu Hadoochuu fi Zayinni Nyaataa meeshaalee to’ataman keessaa hangafa ta’uu komishinichi ibseera.

Dhimmichaan walqabatee shakkamtoonni 29 fi konkolaattoonni 9 to’atamuun qoratamaa jiraachuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni mul’isa.

Meeshaaleen kunneen dameewwan Gumrukaa Dirre Dhawaa, Awaash fi Mooyaaleetti hedduminaan kan to’ataman ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.